Wonti hunduu Addunyaa Gubbaati guutee hin guutu

Dhiironni Haadha manaa argachuu kan dadhaban sababoota 15niini jedhu
Dubartoonni baay’een immoo dhaabbatanii eegdota kan ta’aniif sababoota kanneeniini jedhu

1.Bareedduu yoo taate 👉 Bilchinni yaadaa zeeroodha.

2.Hubannoo kan qabdu yoo taate 👉 fuula guurtuu taati. ( Yabbuu namarra buufatti)

  1. Soorettii (qabeenya kan qabdu) yoo taate 👉 sin kabajju!
  2. Hojjattuu cimtuu yoo taate 👉 Siif yeroo hin qabdu!
  3. Kan fuula namatti hin kennine yoo taate 👉 Ulaagaa isheetu baay’ata.
  4. Garraamii (gara laafettii) yoo taate 👉 Onneen ishee Dhiira biraatiin miidhameera.
  5. Itti gaafatamummaan kan itti dhaga’amu yoo taate 👉 Jaalalaaf dhimma hin qabdu!

8.Baay’ee barattee beekumsa kan qabdu yoo taate 👉 Yeroo hunda “Anatu sirriidha” siin jetti.

  1. Kan hin baranne yoo taate 👉 Yeroo ati sirreessitu Siin lolti, siin ooddi!
  2. Haxxee (Abshaala) yoo taate 👉 lafuma duwwaa kanarratti si sobdi
  3. Baay’ee amala qabeettii yoo taate 👉 dhibooftuu sitti taati!
  4. Fungaa yoo taate 👉 nyaata yeroo hojjattu Mi’eessituu itti baay’istee baasii guddaaf ai saaxilti 😂
  5. Daldaltuu yoo taate 👉 Haadha manaa si godhattww Abbaa warraa sitti taati.
  6. Mucaa manaa yoo taate 👉 Si jalaa baanaan hin deebitu.
  7. Araadaa yoo taate 👉 Sirratti baalagoomti 🙈

Yaadni kun sirriidhamoo sirrii miti kan jedhu isinumti keessoon fixadhaa!

Leave a Comment